top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dhaabbanni gamtaa biyyoota Arabaa walgahii ariifachiisaa magaalaa Kaayiroo keessatti jalqabe.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 19, 2017
  • 1 min read

Dhaabbanni gamtaa biyyoota Arabaa Alhada hardhaa walgahii ariifachiisaa ta'e magaalaa Kaayiroo keessatti kan jalqabe yoo tahu, walgahii kana irratti ministeeronni haajaa alaa biyyoota miseensa gamtichaa kan hirmaataa jiran tahuun beekkameera. Walgahiin ariifachisaan kun gaafii Sa'udiin dhiheessiteen kan yaamame yoo tahu, Bahreeyn , U.A.E fi Jibuutiinis waamicha walgahii kanaa kan deeggaran tahuu gabaasni arganne ni mul'isa

Xiyyeeffannoon guddaan walgahii kanaa, Iiraan dhimma biyyoota Arabaa keessa harka galfachuu isii balaaleffachuu fi dhiibbaa Iiraan kana afoo dhaabbachuudhaaf, biyyoonni miseensa gamtichaa tahan dhimmicha irratti ijjannoo tokko irra gayuudhaaf yaadamee akka ta'e gabaasni kun ni ibsa.

Waldhabdeen siyaasaa yeroo dheeraadhaaf Sa'udii fi Iiraan jidduu ture dhiheenya kana hammaachaa kan dhufe yoo tahu, Iiraan hidhattoota akka Hizbollah fi Huusiitti fayyadamuun naannicha jeeqaa jirti jechuun Sa'udiin himatti.

Dhaabbanni gamtaa biyyoota Arabaa, biyyota miseensa gamtichaa ta'an 22 kan qabu yoo tahu, Jibuutiin yeroo ammaa durataa'ummaa gamtichaa kan harkaa qabdu ta'uun ni beekkama. Walgahii guyyaa har'aa jalqabame kana irratti Qaxarii fi Lubnaan kan hin hirmaatin tahuunis beekameera.

Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page