top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sa'aad Hariirii labsii taaytaa gad lakkisuuf baasee ture guutumatti kan kaase tahuu beeksise.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 4, 2017
  • 1 min read

Muummichi ministeera Lubnaan Sa'aad Hariirii ji'a dabre keessa Sa'udii irraa taaytaa kan gadi dhiise tahuu beeksisuun isaa ni yaadatama. Mootummaan Lubnaan ammoo labsiin kun fedhii Sa'aad Hariiriitiin kan godhame osoo hin taane, dhiibbaa Sa'udiitiin Kan godhame waan ta'eef, kan hin fudhanne tahuu ibsuun Hariiriin gara Lubnaan akka deebi'u gaafate.

Kanuma hordofuun dhiibbaan biyyoota idil-addunyaa irraa hammataa waan dhufeef, Sa'ad Hariirii torbee lama dura gara biyya isaa deebi'e. Guyyaa har’aa ammoo Paartiilee biyya isaa hunda waliin dhimmoota barbaachisaa tahan irratti mariin godhame waan milkaayeef, labsii taaytaa isaa gad lakkisuuf baasee ture guutumatti kan kaase tahuu beeksise.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page