top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Lammiileen Falsxiin Murtii Ameerikaa mormuun hiriira mormii guyyaa sadihiif turu jalqaban

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 6, 2017
  • 1 min read

Donaald Traamp labsii "magaalaa Al-Quds/Jerusalem magaalaa guddoo Isra'eeliiti" jedhu Arba'aa hardhaa kan beeksisu tahuu Waayit Haawus eega mirkaneessee booda, biyyoonni addunyaa heddu mormii dhageessisaa jiru. Traamp karoora isaa kana kaleessa Prezdaant Mahmuud Abbaasiif kan beeksise yoo tahu, Abbaas gama isaatiin Traamp karoora isaa kana yoo kan hin dhiisne tahe, balaa hamaa kan hordofsiissu tahuu akeekkachiise.

Guyyaa har'aa December 6, 2017 ammoo Bulchiinsi Falasxiin har'a irraa jalqabee guyyoota sadiihiif "guyyaa dallansuu" jechuun labse. Haaluma kanaan guyyaa Har'aa Lammiileen Falsxiin Gaazaa fi Al-Qudsi dabalatee magaalota heddu keessatti mormii cimaa kan gaggeessaa jiran tahuu gabaasni arganne ni mul'isa.

Ministeerri haajaa alaa Ameerikaan ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, guyyoota dhufan kana keessa lammiileen biyyattii Isra'eel dabalatee gara biyyoota jiddu gala bahaa akka hin imalle akeekkachiise.

Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page