top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Prezdaantiin Turkiyaa, Magaalaan Al-Quds sarara diimaa tuqamuu hin qabne jechuun akeekkachiise

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 4, 2017
  • 1 min read

Doonaal Traamp magaalaan Al-Qudsi magaalaa guddoo Israa'eeliiti jechuun labsuuf qophaayaa jiraachuun isaa ni beekama.

Biyyoota mormii cimaa dhageessisaa jiran keessaa Turkiyaan addaa duree yoo taatu, prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan haasawa bakka bu'oota Paarlaamaatiif godheen "dhimmi Al-qudsi muslimoota addunyaatiif Sarara diimaa eennuyyuu hin tuqne" jechuun akeekkachiise.

Erdogaan itti dabaluudhaan, Ameerikaan karoora kana yoo kan hin dhiisne tahe, Turkiyaan walitti dhufeenyaa Israa'el waliin qabdu hunda kan addaan kuttu tahuu hime. Prezdaant Erdogaan haasawa isaa kanaan,Turkiyaan dhaabbata gamtaa biyyoota Islaamaa walgahii ariifachiisaa yaamuudhaan, dhimma Alquds irratti tarkaanfii cimaa tahe fudhachuuf kan qophaayaa jirtu tahuu beeksise.

Haaluma walfakkaatuun biyyoonni Awurooppaatis dhimma Al-Quds ilaalchisee karoora Ameerikaa qeeqaa kan jiran yoo tahu, Przdaantiin Faransaay Emanu'eel Maakroon, Dhimmi Alquds/Jerusalem murtaayuu kan qabu, waliigaltee Falasxiinii fi Israa'eel jiddutti godhamu qofaan tahuu akka qabu, bilbilaan Traampitti himuu isaa gabaasni arganne ni mul'isa.

Haaluma walfakkaatuun mootummaan Sa'udiis gama Imbaasii isaa Waashingitanitti argamuutiin, Ameerikaan karoora kana akka dhaabdu kan gaafate tahuun beekameera.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page