top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Doonaald Traamp Magaalaan Al-Quds Magaalaa Guddoo Israa’eliiti Jechuun Labse.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 6, 2017
  • 1 min read

Prezdaant Traamp bara dabre yeroo duula filaannoo gaggeeysaa tureetti wantoota wadaa ummata Ameerikaatiif gale keessaa tokko, Imbaasii Ameerikaa kan Telaaviiviitti argamu gara Al-Qudsiitti jijjiiruu yoo tahu, guyyaa har'aa Ameerikaan magaalaan Al-QUDS magaalaa guddoo Isra’eel tahuu beekamtii kan keennite tahuu labse.

Dhiheenya kana mootummoonni biyyoota Adduunyaa Traamp murtee kana irraa akka deebi'uu qabu akeekkachiisaa turaanis, inni garuu yaada isaa irratti cichee magaalaan Al-Quds Magaalaa Guddo Israa’eel tahuu murteessuun, Bulchiinsi isaatiis labsii kana galmaan gahuuf ammarraa eegalee hojiitti akka seenuu qabu ajaja dabarsee jira.

Kanuma hordofuun akkuma labsiin kun baheen ummanni Turkiyaatis Imbaasii Ameerikaa kan magaalaa Istaanbuliitti argamu fulduraati bahuun mormii cimaa geggeessa jira, akkasumas mootummaan Turkiyaatis labsii kana kan balaleeffatu tahuu ibse.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page