Lubnaanitti lamiileen Falasxiin Poolisootaan walitti bu’an
- NuuralHudaa
- Dec 10, 2017
- 1 min read

Lammiileen falasxiin murtee Tramp waa’ee Al Quds irratti dabarse hordofee, embaasii Ameerikaa Magaalaa Beeyruut keessatti argamu duratti mormii dhageessisuuf bahanii turan. Haa ta’u malee Poolisiin Lubnaan mormitoonni gara Imbaasichaa akka hin deemne karaa itti cufe. Kana booda walitti bu’iinsi uumamuu isaa Al jaziiraatu gabaase.
Mormitoonni Mootummaa Ameerikaarra ammaan tana dursitoota Arabaatti quba qabuu jalqabaniiru. “Falasxiin dhiifama nuu godhi, karaa nutti cufan” jechuun dallansuu dursitoota Arabaa irratti qaban dhaadannoon ibsatan.
Eega Israa’el bara 1947 hundoofterraa kaasee, lammiileen falasxiin heddu gara Lubnaan baqatuun kaampiilee garagaraa 12 keessa jiraataa jiru. Haa ta’u malee hedduun isaanii abdii gara Falasxiin deebi’uudhaa waan dhabaniif gara Awurooppaa fi biyyoota biroo baqataniiru.

留言