top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Alii Abdallaah Saalih ajjeeffame

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Dec 3, 2017
  • 1 min read

Prezdaantiin Yaman kan duraanii Ali Abdallaah Salah, haleellaa gareen Huusii mana jireenyaa isaa magaalaa Sana'aa keessatti argamu irratti raawwateen kan ajjeefamee tahuu gabaasni arganne ni mul'isa.

Ali Abdallah Saalih guyyoota lama dura gamtaan waraana biyyoota Arabaa Sa'udiin durfamu haleellaa yookan dhaabu tahe, loltoonni isaa garee Huusii yaman keessaa kan ari'an tahuu eega beeksise booda, waraanni hamaan magaalaa Sana'aa keessatti geggeefamaa jira.

Loltoonni Ali Abdallah Saalihtiin hoogganamu, kanaan dura garee Huusii waliin gamtaa uumuun mootummaa biyyattiitiin kan lolaa ture yoo tahu, dhiheenya kana ammoo waldhabbiin garee kanneen lamaan jiddutti uumame hammaachaa dhufuun, gara wal waraanutti kan cehan tahuu gabaasni arganne ni mul'isa.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page