Yakkamaan waraana Boosniyaa tokkoo mana murtii keesstti summii dhuguun du'e.
- NuuralHudaa
- Nov 29, 2017
- 1 min read

Mudannoon kun Roobii dabre November 29/2017 manaa murtii Zeheeg keessatti mudate.
jeneraal Islobodaan Praaljaak ajajaa waraana Kiro'aatota Boosniyaa tahuudhaan yakka waraanaa Muslimoota Boosniyaa irratti raawwateen himatamee, hidhaan waggaa 20 irratti murtaaye, Abbaan Murtiitis Murtii Jeneraalicharratti Murtaahe dubbisuu eegale. Jeneraalichis Summii dhoysaan qabatee seene ol fudhatee, “Ani Yakkamaa waraanaatii miti. Murtii kana hin qeebalu. Kunoo summii dhugutti jira” jedhee achumatti summii dhuge. Manni murtiitis dhaddacha addaan kutee Jeneraalicha hispitaala akka geessan ajaje. Jeneraal Islobodaan Praaljaak, wayta hospitaala geessan lubbuun kan keessaa baate tahuu gabaasni arganne ni ibsa.
Manni murtii idil addunyaa Zaheeg, jeneral Islobodaan Praljak dabalatee qondaaltota Kiro'aatota Boosniyaa jaha, yeroo waraanaa Bosniyaa bara1992-1995tti yakka ajjechaa fi dararraa muslimoota Boosniyaa irraan gahan mirkaneessuudhaan, hunda isaanii hidhaa wagga 20, 20 itti murteessee jira.
Comments