top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Kooriyaan Kaabaa ammas Yaalii Misaa'ela Balastikii goote.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 29, 2017
  • 1 min read

Kooriyaan Kaabaa yaalii Misa'elaa Balastikii guyyaa kaleessaa Nov 28/2017 gooteen Nuklarii sadarkaa ol'aanaa ta'e gonfachuu isii labsite. Misaa'elli biyyattiin guyyaa kaleessaa yaalte kun Kutalee Ameerikaa hunda rukutuu kan danda'u akka ta’uu fi biyyattiin sagantaa Nuklerii isii milkaa'inaan kan goolabde ta'uu, gabaasni televiziyoona Kooriyaa kaabaa irra argame ni mul'isa.

Waraanni Kooriyaa Kibbaa ibsa baaseen, Kooriyaan Kaabaa Misaa'el fageenya dheeraa adeemuu fi dachii irraayis olka'umsa guddaan furguuggeffamu kan yaalte tahuu mirkaneesse.

Miidiyaaleen Ameerikaa gama isaaniitiin Misaa'elli kun iddoo Buufatni Hawaa idil-addunyaa itti argamu bira darbuun harka kudhan olfagaatee kan furguuggeffamu danda'u akka ta'e ibsaa jiru

Gamtaan waraana Ameerikaa fi Kooriyaa kibbaa yaalii Misaa'ela Kooriyaa kaabaa kanaaf deebisaa akka ta'uuf Misaa'ela sadi gara Galaanaa kan darbataniiru. Yaaliin Misaa'elaa Kooriyaan Kaabaa guyyaa kaleessaa geggeessite kun eega Donald Trump taayitaa qabatee asitti kan 18ffaati.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page