Kooriyaan Kaabaa Misaa’eloota fageenya gabaabaa furguuggefamu 3 gara galaanaatti dhukaaste.
- NuuralHudaa
- Aug 26, 2017
- 1 min read

Qondaaltonni Kooriyaa kibbaa fi Raayyaan ittisa Ameerikaa, Kooriyaan kaabaa guyyaa kaleessaa Misaa’eloota fageenya gabaabaa furguuggefamu 3, gara galaanaatti dhukaasuu isii beeksisan.
Kooriyaan Kaabaa ji'a darbe keessa Misaa’ela Balistiik kan fageenya dheeraa furguuggefamu eega dhukaastee asi, buufata waraana Ameerikaa kan oddoola Guwaam keessatti argamu haleeluuf akeekkachiisuun isii ni yaadatama. Haata'u malee Raayyaan ittisa Ameerikaa yaaliin amma godhame kun, kan Oddoola Guwaam irratti xiyyeeffatee miti jedhe.
Eega Kooriyaan kaabaa yaalii Misaa’elaa fageenya dheeraa furguuggefamu kana itti milkaa'uu ibsitee booda, loltoonni Ameerikaa fi Kooriyaa kibbaa kumaatamaan lakkaa'aman waliin qindoomuun shaakallii lolaa kompitaraan deeggarame godhaa jiru.
Misaayiiloota kaleessa dhukafaman keessaa lama kan fageenya kilomeetira 250 furguugefamani fi inni tokko ammoo fashalaa'uu Raayyaan ittisa Ameerikaa ibseera.
___
Application NuuralHudaa download godhuuf
Android https://goo.gl/Ieo7dv
iPhone https://goo.gl/y7n0In
iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
https://twitter.com/NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com
Comments