top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Kooriyaan Kaabaa Ameerikaa waliin mari'aatuf fedhii kan qabdu tahuu ibsite.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 13, 2017
  • 1 min read

Dippiloomaatiin Kooriyaa Kaabaa tokko, biyyiti isaa kanaan dura qondaaltota Ameerikaa bulchiinsa duraanii waliin Noorweeyi keessatti marii kan goote tahuu ibsuudhaan ammas pirezidaant Tiraamp waliin haasa'uun rakkoo hin qabu jechuun dubbatuun isaa gabaafameera.

Ji'a dabre keessa Pirezdantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp, hoogganaa Kooriyaa kaabaa Kiim Joong uun waliin mari'aachuudhaaf fedhii kan qabu tahu ibsuun isaa niyaadatama. Yaadni waliin haasa’uuf fedhii qabaatuu kun, eega Kooriyaan Kaabaa Yaalii Nuukleraa fi Misaa'elaa cimsitee itti fuftee fi biyyoota diina kiyya jettuun irratti sodaa guddaa erga uumtee as kan dhiyaate tahuus gabaafamera.

Qondaalli Minissteera Dhimma Alaa Kooriyaa kibbaa tokko gama isaatiin; Piyoongiyaangii fi Waashingitan marii akka waliin godhan biyyiti isaa fedhii kan qabdu tahuu ibsee jira.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page