top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ameerikaa fi Kooriyaan kaabaa walitti dhaadachuu itti fufanii jiru.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 11, 2017
  • 2 min read

Yaalii Misaayila Balistiik kan Kooriyaan kaabaa godhaa jirtuun walqabatee, Ameerikaa fi biyyoonni naannichaa muddama cimaa keessa seenanii jiru. Keessumattuu eega Kooriyaan kaabaa dhuma ji'a darbee keessa Misaayila fageenya dheeraa furguuggefamu yaalteen booda, Addunyaan sodaa guddaa keessa seentee jirti.

Dhiheenya kana ammoo hooggantoonni biyyoota lamaanii miidiyaa irratti bahanii walitti dhaadachaa jiru.

Pirezadantiin Ameerikaa Donald Tiraamp; "Kooriyaan kaabaa ibiddaan taphataa jirti, waan takkaa addunyaan hin argin agarsiisnee bulchiinsa isiillee barbadeessina" jedhe.

Piyoong Yaangis gama isiitiin; naannawa Buufata waraana Ameerikaa kan oddoola Guwaam jedhamtutii argamu Misaayilaan 4 darbachuuf karoora xumuree jira jette.

Midiyaaleen Kooriyaa kaabaa akka gabaasa jiranitti, karoorri kun hoogganaa biyyatti Kiim Jong Un irraa ajajni yoo darbe Misaayiili Hawsong-12 jedhamu Samii Japaan irraan darbee, oddoola Guwaam kan buufanni waraana Ameerikaa keessatti argamu osoo hin gahin, fageenya kilomeetira 30 irratti, galaana keessa kan bu'u tahu gabaasaniiru. Karoorri kunis Piyoong Yaang dinniina Tiraamp haga Xurii qeensaatti kan hin ilaalle tahuu agarsiisa jedhameera.

Oddoolli Guwaam kan Kooriyaan kaabaa Yaalii Misaayila itti godhuuf karoorfatte kun, wiirtuu buufata waraana Ameerikaa yoo ta’u, jiraattota kuma dhibba tokko fi jahaatami sadi (163,000) qabdi. Jiraattota kana jidduu immoo 6,000 waraana Ameerikaati.

Ministirri Raayyaa ittisa Ameerikaa Reeks Tilersen ibsa guyyaa hardhaa kutaa Varjiniyaa keessastti midiyaaleef kenne irratti " Garaagarummaa jidduu isaanii jiru lolaan hiikuu irra waliin mariyatuun furmaata ka'uun wayyaadha; akkasumas yoo dirqamte Ameerikaan loluufis qophiidha; kanaan alatti piyoongyaang haleellaa raawwatuuf yaalii kan gootu yoo tahe, deebisaa hamaatu isii eeggata "jedhe.

Gaazeexaan Chaayinaa Global time jedhamu, Piyoongyang Ameerikaa irratti Haleellaa kan raawwatu yoo tahe, Beejiing walaba akka tahuu qabdu akeekkachiise.

Gama biraatiin immoo Awustiraaliyaan Haleellaa Ameerikaa irratti raawwatamu kamuu kan hin deeggarree fi Ameerikaa deggaruuf qophii tahuu isii ibsitee jirti.

Kooriyaan kaabaa qoqqobbii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) irra kaahe diduun, bara 2016 keessa yaalii Nukileeraa 2 kan goote yoo tahu, ji'a darbe keessas yaalii Misaayiila Balistiik jedhamu kan fageenya dheeraa furguggeffamu godhuun isii ni yaadatama.

____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page