Walitti dhaadannoon Ameerikaa fi Kooriyaa kaabaa jiddutti geggeeffamaa jiru daran hammaate.
- NuuralHudaa
- Apr 18, 2017
- 1 min read

Erga Waraanni Ameerikaa Buufata xayyaara waraana Mootummaa Suuriyaa irratti tarkaanfii haleellaa misaa’elaa fudhatee jalqabee, haalli siyaasaa addunyaa daran boorahutti jira. Tarkaanfii kana boodas Ameerikaan Boombii guddicha, Afgaanistaan irratti dhukaasuun isii adeemsi Prezidant Traamp akkam ta’uu mala kan jedhus gaafii namoota hedduu ta’eera. Tarkaanfii Afgaanistaan irratti fudhatame dura ammoo Prezidaantiin Ameerikaa Doonald Traamp, “Kooriyaan Kaabaa dubbii barbaadutti jirti. Michuu isii tan taate Chaaynaan dhimma kanaaf furmaata yoo hin kennin, akkasumas adeemsi Kooriyaa Kaabaa rakkoo hin qabu jettee yaada keenya yoo ka nu harkatti kuffiftuu; nuti karaa keenyaan dhimmicha kanaaf furmaata itti goona” jechuun dubbate. Kooriyaan Kaabaa amma dura meeshaa waraanaa Kan Niwukularaa yeroo shaniif yaalii gootee jirti. Ameerikaan ammoo Kooriyaan Kaabaa amma booda yaalii Niwukularaa kan gootu yoo taate; tarkaanfii kan irratti fudhattu ta’uu beeksiste. Kooriyaan Kaabaatis gama isiitiin, Ameerikaan tarkaanfii waraanaa yoo kan narratti fudhattuu ; anis Meeshaa Niwkularaa gara Ameerikaa dhukaasa jechuudhaan dubbicha daran hammeessitee jirti. Kun osoo kanaan jiruu guyyaa Sanbata xiqqaa ayyaanaa hundeeffama Kooriyaa kaabaa irratti ummanni hedduminaan bahuudhaan; agarsiisa Meeshaa waraanaa garagaraa daaw’ataniiru. Kunis Ameerikaa fi deeggartoota isii sodaachisuuf akka ta’e tilmaamameera. Kanuma hordofee guyyaa Alhadaa ammoo Kooriyaan Kaabaa Yaalii Misaa’elaa goootee turte. Haa ta’u malee, akka Aangawoonni Kooriya Kibbaa fi Ameerikaa jedhanitti, Misaa’elli dhukaafame sun kan fashalaahe tahuu isaa ibsaniiru. Ameerikaan dhimmicha irratti karaa nagayaatiin furmaata kennuuf Chaayinaa waliin hasawuutti akka jirtus ibsitee jirti.
Komentari