top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Kooriyaa kaabaatti Hollannaan lafaa uumamuun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 3, 2017
  • 1 min read

Dhaabbanni qorannoo lafaa ykn geological survey of America akka gabaasetti, Sochiin lafaa magnityuudii 6.3 shallagamu, Kooriyaa kaabaa naannawa Niiwkulariin itti ooomshama jedhamee shakkamutti kan mudate tahuu ibse. Mootummaan kooriyaa kibbaa gama isaatiin Sochiin lafaa kun kan uumamaatii miti jedhe. Dhimmicha irratti mari’atuuf pirazadantiin biyyatti kaabinee isaa walgahii ariifachiisaa waamuu waajjirri pirezadantii biyyattii beeksiseera.

Mootummaan Jaappanis sochiin lafaa Kooriyaa kaabaa keessatti mudate kan umamaatiin kan walhinfakkaanne ta’uu ibse. Mootummaan chaayinaatis sochiin lafaa walfakkaataan yeroo lama Kooriyaa kaabaa keessatti uumamuu kan mirkaneeffate ta’uu beeksise.

Guyyaa lamaan dura pirazadantiin kooriyaa kaabaa biyyi isaa Boombii Niiwkularii humna guddaa qabu kan “hydrogen Bomb” jedhamu oomishuu beeksisee ture. Yeroo dhihoo asitti Kooriyaan kaabaa yaalii misaa’elaa hedduminaan kan godhaa jirtu yoo tahu, yaaliin ammaa kun Niwkulara tahuun yoo mirkanaaye, biyyattiin Meeshaa niiwkularaatiin sadarkaa ol’aanaa irra gayuu isii mul’isa.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page