top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sa'aad Hariirii gara Lubnaan deebi'e

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 22, 2017
  • 1 min read

Muummicha Ministeera Lubnaan kan ture Sa'aad Hariirii, torbaan lama dura Sa'udii irraa taayitaa isaa gad lakkisuueega beeksisee booda, biyyoonni lamaan waldhabbii siyaasaa hamaa keessa seenuun isaanii ni yaadatama.

Sa'aad Hariiri guyyota sadihiin dura Riyaad irraa gara Faransaay imaluun prezadaantii biyyattii waliin kan walargan yoo tahu, Isniina kaleessaa ammoo Kaayiroo keessatti Prezdaant Abdul-Fattah Al-Sisi waliin eega mari'atee booda halakan edaa gara Beeyrut deebi'e.

Mootummaan Lubnaan muummicha ministeera biyya isaa Sa'aad Hariirii, Sa'udiin fedhii isaatiin alatti biyya isii keessatti uggurte jechuun kan himataa ture yoo tahu, mootummaan Sa'udii ammoo ni waakkate.

Sa'udiin gama isitiin Iiraan garee Hizbollahtti fayyadamuun dhimma biyyota arbaa keessa seenuudhaan naannicha jeeqa jirti jechuun kan himattu yoo tahu, kanuma hordofuun guyyoota lama dura gaaffii S'udiitiin dhabbanni gurmuu biyyoota Arabaa wal gahii ariifachiisaa yaameen Iiraan kan balaaleffate tahuun ni yaadatama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page