top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Zeheeg Ratko Mladich irratti yakka duguuggaa Sanyii raawwateef adabbii hidhaa umrii guu

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 22, 2017
  • 1 min read

Manni murtii Zeheeg kan yakka Waraana Boosinyaatti raawwatame ilaaluudhaaf U.Niin dhaabbate, hoogganaa waraana Sarbootaa kan ture Ratko Mladich yakka dugguuggaa sanyii muslimoota Boosniyaa irratti raawwachuu isaa mirkaneessudhaan, hardha November22/2017 adabbii hidhaa umrii guutuu itti murteesse.

Ratko Mladich Ajajaa waraana Sarboota Boosniyaa yeroo turetti yakka waraanaa, yakka dhala namaa irratti raawwatamee fi yakka duguuggaa sanyii dabalatee yakoota 11 himatame. Himannaa kanneen keessaayis bara 1992, loltoonni Sarboota Boosniyaa ajaja Ratko Mladichin magaalaa guddoo Boosniyaa Sarayevoo marsuudhaan, muslimoota 11,500 ol ajjeessan.

Haaluma walfakkaatuun ajaja Ratko Maldichin loltoonni Sarboota Boosniyaa, bara 1995 eega magaalaa Serbeniikaa too'atanii booda, muslimoota Boosniyaa 8,000 ol tahan, kanneen buufata waraanaa U.N.keessatti baqatanii turan ajjeessan. Ajjeechaa lamaanuu Kallattiidhaan ajaja Mladichin kan raawwataman ta'uu ragaa namoota 600, ragaa Vidiyoo akkasumas Sagalee raadiyoo walqunnamtii irraa argameen kan mirkanaaye tahuu gabaasni kun ni mul'isa.

Wraana bara1992-1995 Boosniyaa keessatti adeemsifameen, humnoota Sarbiyaatiin namoonnii 2000,000 ol kan ajjeeffaman yootahu,irra caalaan namoota ajjeeffamanii Muslimoota Boosiniyaa turan.

Waraanni Boosniyaa bara 1995 gamtaan waraana NATO jidduu seenuudhaan kan dhaabbate yoo tahu, Ratko Mladich waggaa 16 booda bara 2011 Kaaba Boosniyaa keessatti kan qabame akka ta'e gabaasni Aljaziiraa ni addeessa.

Commenti


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page