top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Bulchiinsi Kurdistan labsii "Iraaq irraa fottoquu ugguru" kan kabaju tahuu beeksise.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 14, 2017
  • 1 min read

Rifarandamii ji'a Fulbaana dabre Bulchiinsa Naannoo Kurdistaan keessatti gaggeeffameen, ummanni kurd Iraaq irraa fottoquu kan filatan tahuun ni yaadatama. Mootummaan jiddu gala Iraaq gama isaatiin rifarandamiin sun seeraan ala jechuun kan hinfudhanne tahuu beeksise. Bulchiinsi Kurdistaan wixinee Iraaq irraa fottoquu erga qopheessee booda ammoo waldhabbiin hammaachuudhaan, Mootummaan Iraaq waraana gara kutaa Kurdistaanitti erguun naannichaa too'annoo mootummaa jiddu galaa jalatti deebisuuf yaalaa ture.

November 6/2017 Manni Murtii Ol'aanaa Fedraala Iraaq, "Kutaan Iraaq kamiyyuu fottoquu hin danda'u" murtii jedhu dabarse. Kiibxata har'aa ammoo Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Kurdistaan ibsa baaseen, labsii kana kan kabaju ta'uu beeksise. Bulchiinsi Kurdistaan Ibsa isaa kanaan "Labsiin Kun waldhabbii Erbilii fi Baghdaad jidduu jiru hunda haasayan hiikuudhaaf yaadamee kan murtaaye jennee amanna" jechuun ibse.

Xiinxaltoonni Siyaasaa akka jedhanitti, Ibsi Bulchiinsa Kurdistaan kun Mootummaan naannichaa dhiibbaa Iraaq fi biyyota naannichaatiif harka kennataa kan jiru ta'uu mulisa jedhu. Turkiyaa fi Iiraan dabalatee biyyoonni ollaa Iiraaq wixinee Iraaq irraa fottoquu kan Bulchiinsi Kurdistaan baasee ture hadheeffatanii mormuudhaan, naannicha irratti qoqqobbii kaayuun isaanii ni yaadatama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page