Mootummaan iiraaq geejjiba Xayyaaraa gara naannoo Kurdistanitti godhamu Uggure.
- NuuralHudaa
- Sep 30, 2017
- 1 min read

Mootummaan Iiraaq Geejjiba xayyaaraa biyyoota biro irraa gara bulchiinsa naannoo Kurdistan godhamu hunda kan uggurte tahuu beeksifte. Isniina darbe bulchiinsi Kurdustaan Iraaq irraa fottoquuf rifarandamii yaada ummataa mul’isu kan gaggeessite yoo tahu, ummanni 92% ol tahu yaada Iiraaq irraa fottoquudhaan biyyaa walabaa tahuu jedhu deeggaruun sagalee kenne.
Kanuma hordofuun mootummaa jiddugalaa Iiraaq dabalatee biyyoota ollaa hedduu irraa balaaleffannaa cimaa hordofsiise. Muummichi ministira Iiraaq Haydar Al-abadi, bu’aan rifarandamii sun fudhatama hin qabu jechuudhaan, bulchiinsi naannawa Kurdisataan too’annaa buufataalee xiyyaaraa, mootummaa jiddugalaatiif akka deebisu gaafate. Bulchiinsi Kurdistaan gama isaatiin, gochi Baghdaad kun seeraan alaa jechuun ajaja kan hinfudhanne tahuu ibse.
Mootummaan Iiraaq gama isatiin Juma’aa har’aa irraa jalqabee, geejjiba xayyaaraa biyyoota addunyaa irraa kallattiin gara magaaloota bulchiinsa Kurdistaan kan akka Erbiilii fi Suleemaaniyaatti godhamaa ture kan uggure tahuu ibse. geejjibni Xayyaara biyya keessaa garuu kan itti fufu tahuu beeksise.
Haaluma walfakkaatuun biyyoonni ollaa kan akkaa Turkiyaa, Suuriyaa, Iiraan fi Urduun hariiroo bulchiinsa Kurdistaan waliin qabachaa turan addaan kutuudhaaf dhaadachaa jiru.
Kommentare