top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Bulchiinsi Kurdistaan Wixinee yaada Iiraaq irraa fottoquu kan tursiisu tahuu beeksise.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 25, 2017
  • 1 min read

Bulchiinsi Mootummaa naannoo Kurdistaan ibsa ganama har’aa baaseen, bu’aa rifarandamii hordofuun wixinee yaada Iiraaq irraa fottoquu baasee ture kan tursiisuu fi sochii waraanaa kamiyyuu yeroodhaaf dhaabuuf kan murteesse ta’uu beeksise.

Bulchiinsi Kurdistaan ibsaa isaa kanaan, “Haalli Mootummaan jiddu galaa Iiraaqi fi Bulchiinsi Kurdistaan amma irra jiru hamaa fi sadarkaa Walballeessuu irra gayaa jira; kanaafuu waraana Iiraaqi fi Peshmargaa dabalatee qaamni hundinu, gochaa daranuu rakkoolee hammeessu irraa of qusachuu akka qaban nutti dhagayama” jedhe.

Lolli adeemaa jiru yoo kan itti fufu tahe, jireenya ummata gama lameenii diiguu fi nageenya naannicha booressuun tasgabbii dhabamsiisuun alatti, qaama kamuu hinjifannoo kan gonfachiisu miti jedha ibsichi. “Kanaafuu miira gaafatamummaatiin fedhiifi hawwii ummata Kurdistaan galmaan gayuudhaaf, mootummaan Bulchiinsa Kurdistaan hatattamaan dhukaasa dhaabuu fi Wixinee yaada Iiraaq irraa fottoquu jedhu yeroodhaaf tursiisuun, mootummaa jiddu galaa Iiraaq waliin heera biyyatti irratti hundaayuun haasayuudhaaf waamicha dhiheessina” jedhe.

Rifarandamii September 25/2017 Bulchiinsi Kurdistaan geggeessen ummanni Kurdistaan Iiraaq irraa fottoquu kan fedhan tahuu erga ibsamee booda, mootummaan jiddu gala Iiraaq bu’aa Rifarandamii sanii kan hin fudhanne tahuu labse. Kanuma hordofuun waldhabdeen erga hammachaa dhufeen booda October 16/2017 irraa eeggalee gar waraana wal irratti banuu seenuun isaanii ni yaadatama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page