top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Masrii waa'ee hidha Laga Abbaaay ilaalchisee Itoophiyaa Akeekkachiisee

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 19, 2017
  • 1 min read

Prezedaantiin Masrii Abdul-Fattah Alsisi waa'ee hidha laga Abbaaya ilaalchisee, mootummaa Itoophiyaa akeekkachiisuu isaa gabaasni Washington Post ni mul'isa. Prezedaant Alsisiin, "dhimmi hidha laga Naayil, Masriif dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti" jechuu isaa gabaasni kun ni mul'isa. Akka gaazexaan kun jedhutti akeekkachiisni cimaan akkanaa kun, kallattiidhaan Prezedaantii Masrii irraa yeroo lammaffatiif dhagayamuun, dhimmichi hangam yaaddessaa akka ta'e mul'isa.

Abdulfattaah Alsiisii naannawa "Nile Delta"jedhamutti eebbaa Pirojektii Misooma Qurxummii tokko irratti haasawa godheen, "dhimmi hidha laga Naayil irratti Itoophiyaan adeemsisaa jirtu, Ummata Masriitiif dhimmaa jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti,bishaan laga Naayil ilaalchisee gayee Masrii eennuyyuu tuquu hin danda'u" jechuun akeekkachiise.

Hidha guddicha Laga Abbaay ilaalchisee, bu'aa qorannoo gareen Gorsitootaa dhiheenya kana dhiheesse irratti, biyyoonni Sadeen jechuunis Itoophiyaa, Suudaan fi Masriin waldhabuu isaanii gabaasni kun ni addeessa. Odeeyfannoo wal fakkaatuun walitti dhufeenya Itoophiyaan akka haarayaatti dhiheenya kana Qaxar waliin jalqabde, mootummaa Masrii kan dallansiise tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page