top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Robert Mugaabeen Sagantaa eebbaa barattoota Yuunivarsitii magaalaa guddoo biyyattii Haraaree Keessat

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Nov 17, 2017
  • 1 min read

Prezadaant Mugaabeen eega Roobii dabre too'annaa waraana biyyattii jala oolee asitti, yeroo jalqabaatiif ummatatti mul'ateera. Mugaabeen Jum'aa har'aa Sagantaa eebbaa magaalaa guddoo biyyattii Haraaree Keessatti qophaa'e irratti argame.

Robert Mugaabeen Roobii dabre irraa jalqabee waraana biyyattiitiin mana keessaa akka hin baane dhoorkamee ture. Prezadaant Mugaabeen taayitaa isaa haadha manaa isaatiif dabarsuudhaaf jecha itti aanaa isaa eega ari'ee booda, waraanni biyyattii jidduu seene.

Guyyaa kaleessa ammoo Waraanni biyyattii Mugaabee waliin mari'ataa akka jiruu kan beeksise yoo ta'u, mariin akkuma xumurameen ummaataaf akka ifa godhu ibsuu isaa gabaasni Rooyters irraa argame ni mul'isa

Commenti


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page