Turkiyaan gargarsa doolara Miliyoona Shantamii Afur Muslimoota Rohingiyaatiif gumaachuu karoorsite.
- NuuralHudaa
- Oct 6, 2017
- 1 min read

Gabaasni Ministira Fayyaa Turkiyaa irraa guyyaa hardhaa bahe, Mootummaan Turkiyaa muslimoota Rohingiyaa kan duguggaa sanyii waraana mootummaa Miyanmaar jalaa lubbuu isaanii baraaruuf, kutaa Rakhiiynii irraa baqatuun Baangilaadiish seenaniif, deggarsa meeshaalee adda addaa doolara Miliyoona 54tti tilmaamamu godhuuf tahuu mul'isa.
Ministirichi gargarsa kana karaa qondaala Tao’annaa Ittisa balaa Mootummaa Turkiyaatiin kan godhu tahuu miidiyaaleef ibse.
August 25 irraa kaase muslimoonni Rohingiyaa 500,000 ol, qe’ee isaanii irraa buqqa'uun kan Baangilaadiish seenan tahuu, gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irra bahe ni mul’isa.
Ministiri hajaa alaa Baangilaadiish Abuul Hasan Mahmuud Alii " Duguuggaa sanyii waraanni Mootummaa Miyanmaar fi dursitoonni amantaa Budhaa, dhiheenya kana Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwataniin lubbuun namoota 3000 ol badeera" jedhe. _ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com NuuralHudaa - Android Apps on Google Play Soora Qalbii Muslimaa
Comments