Haati Warraa Prezdantii Turkiyaa baqattoota Rohingiyaa Daaw’atte.
- NuuralHudaa
- Sep 7, 2017
- 1 min read

Haati warraa prezdantii Turkiyaa, Aadde duree Aminaa Erdogan guyyaa hardhaa gara Baangiladish imaluun baqattoota Rohingiya Ziyaaruu isii Anaadooluu Niiwus gabaase.
Aminaan foonaa baqattootaa daangaa Miyanmaaritti argamu dhaquun Muslimoota Rohingiyaa dararaa hamaa keessa jiran kan jajjabeessite yoo tahu; ministeera haaja alaa Turkiyaa Mevlut Kavusoglu fi Ilma isii Bilal Erdogan waliin tahuu gargaarsa Turkiyaa irraa fidan baqttotaaf qoodaniiru.
Aadde Aminaan erga Baqattoota waliin haasoftee booda miira gaddaatiin “ Dararaa Muslimoota Rohiingiyaatiin ilmi namaa onneen isaa hin madoofne kan jiru natti hin fakkatu. Kana booda garuu addunyaan xiyyeeffannaa itti kennuun, dararaan isaanii furmaata dhumaa argachuu qaba ” jette.
Ministirri haajaa alaa Mevlut Kavusoglu gama isaatiin: “Dararaa Muslimoota Rohingiyaa addunyatti mul’isuu barbaadna, duguuggaa sanyii kana karaa dandeenye hundaan dhaabsisuuf hojjataa jirra; dhimma ummata kanaa ilaalchisee furmaata dhumaa kaayuuf yeroo dhihootti walgahiin biyyoota Muslimaa Kazakistan magaalaa Astaanaa keessatti kan yaamame yoo tahu; Niwuyoork walgahii Mootummoota gamtoomanii irrattis Turkiyaan dhimmaa kana ni dhiheessiti” jedhe.
Walii galtee Kibxata dabre Mootummaa Miyanmaar waliin goodhameen, Turkiyaan gargaarsa adda addaa tooni 1,000 Muslimoota Rohingiyaatiif erguu isii gabaasuun keenya niyaadatama. _ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments