top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Prezdaantiin Turkiyaa  dararaa muslimoota  Rohingaa ilaalchisee hoggantuu Miyanmaar waliin mariyate.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 5, 2017
  • 1 min read

Prezdantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogan dararaa muslimoota Rohingaa ilaalchisee, hooggantuu Miyanmaar Angi San Sushi waliin guyyaa hardhaa bilbilaan haasayuu isaa gabaasni Anadooluu Niiwus irraa argame nimul’isa. Prezdaant Erdogan ajjeechaa fi dararaan Muslimoota Rohingaa irratti adeemsifamaa jiru, muslimoota addunyaa gar malee kan dallansiise; mootummaan Miyanmaar duguuggaa sanyii kana hatattamaan dhaabuu qaba jechuun isaa gabaafameera.

Turkiyaan rakkoo kana dhaabsisuuf Miyaanmaar waliin hojjachuufi akkanumas gargaarsa hatattamaa barbaachisaa ta’e gamasitti erguuf kan qophoofte ta’uu gabaasni kun ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun Minesterri Haajaa Alaa Turkiyaa Mavut Kavusoglu, muslimoota Rohingaa dararaa waraana Miyanmaaritii fi shororkeessitoota hordoftoota Budihaa jalaa baqachuun Baangilaadesh keessatti qubatan daaw’achuuf, Roobii boruu gamasitti kan imalu ta’uu gabaafame. Imala isaa kanaan gargaarsa baqattoota godhamuuf haala kan mijeessu yoo tahu, dararaa muslimoota Rohiingaa Miyanmaar keessaa haala dhaabsisuun danda’amu irratti qondaaltota Bangilaadesh waliin ni mari’ata.

Ministeerri haajaa alaa Turkiyaa haala dararaa muslimoota Rohingaa dhaabsisuu danda’amuun irratti, ministiroota haajaa alaa Maleezhiyaa, Qaxar, Iran, Indoneeziyaa fi Bangilaadesh waliin mari’atuun beekameera.

Daraaraan Muslimoota Rohiingaa erga August 25/2017 akka haarayaati jalqabamee asitti, waraanni Miyanmaariitii fi hordoftoonni Budihaa muslimoota kumaatamaan lakkaawaman ajjeesaniiru, akkasumas manneen jireenyaa hedduu ibiddaan barbadeessaniiru. Torbaan tokko qofa keessatti muslimoonni Rohiingaa 130,000 ol qeyee isaanii irraa baqatanii Bangiladeesh seenuu isanii gabaasni UN ni mul’isa.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page