top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Turkii, "yoo dhaabbanni mootummoota gamtoomanii dide, nuti mootummaa Miyaanmaar irra

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 4, 2017
  • 1 min read

Pirezdantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan, Kora dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan dhuma ji'a kana keessa Niiwuyoorkitti geggeeffamu irratti, ajjeechaa muslimoota Roohingaa irratti raawwatamaa jiru kan dhiheessu tahuu ibse.

Haasawa guyyaa hardhaa jiraattota magaalaa Istaanbuul tiif godhe irratti; " Addunyaan duguuggaa sanyii Muslimoota Miyanmaar irratti raawwatamaa jiru osoo argan callisaa jiru; Kora mootummoota Gamtoomanii kan Fulbana 19 magaalaa Niiwuyoorkitti geggeeffamu irratti dhimma kana ilaalchisee mootummoota Addunyaa waliin waldubbatuuf teenya!" jedhe.

Akkasumas Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii Mootummaa Miyanmaar irratti tarkanfii kan hin fudhanne taanaan, Turkiyaan waraana isii gara Miyanmaar erguuf qophii tahuu ibsite. _ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page