top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Loltoonni Miyaanmaar baqattoota Rohingiya irratti dhukaasa banuun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 27, 2017
  • 1 min read

Daangaa Miyaanmaarii fi Baangiladeesh irratti loltoonni Miyanmaar baqattoota Rohingaa irratti dhukaasa banuun gabaafame. Baqattoonni kunniin irra caalaan ijoollee fi dubartii walitti bu’iinsa loltoota mootummaatii fi finciltoota Rohiingaa jiddutti uumame jalaa, gara Baangiladeeshitti baqataa turan tahuu Aljaziiraan gabaase.

Muslimoonni biyya Miyaanmaar kutaa Rakhayine jedhamu keessatti, hordoftoonni amantaa Budihaa yeroo dheeraaf ajjeechaa fi qeyee isaanii ibiddaan kan barbadeessaa turan ta’uun ni yaadatama. Yeroo dhihoo as ammoo loltoonni mootummaatis, sabaabaa finciltoota muslimaa qulqulleessuu jedhuun, ummata Rohingaa irratti dararaa hammeessuu isaanii falmitoonni mirga namoomaatii fi dhaabanni mootummoota gamtoomanii, gabaasa yeroo adda addaa baasaa turan irratti beeksisaniiru.

Ummatni Rohingaa yeroo ammaa kanatti hawaasa lammummaa hin qabne ta’uudhaan, biyyoota adda addaa keessumaayyuu Baangiladeesh keessatti baqattummaan kan dararamaa jiran tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

____

Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page