top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Miyanmaar keessatti dursitoonni amantaa Budahaa Manneen Barnoota Islaamaa 2 cufsiisan.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • May 2, 2017
  • 1 min read

Dararaan Muslimoota Miyanmaar irratti raawwatamu akkuma itti fufetti kan jiru yoo tahu; Magaalaa gudditti biyyattii kan taate Yangoon keessatti, Jimaata dabre Sochiin farra Islaamummaa dursitoota amantaa Budahaatiin waamame geggeeffamuun, manneen barnoota Islaamaa lama akka cufaman godhamuun odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Miseensi Poolisii magaalaa Yangoon kan eenyuumaa isaa ibsaatu hin barbaadiin tokko, “Manneen Barnootaa lama yeroodhaaf cufamaniiru” jechuun Anaadoolu ejensiif hime. Akka miseensi Poolisii kun jedhutti, Manneen barnootaa kun ajaja mana murtii irraa kennameen osoo hin tahin, jeequmsi hordoftoota amantaa lamaan jiddutti kahuu danda’a sodaa jedhuun, walii galtee qondaaltota mootummaa fi dursitoota amantaa muslimaatiin cufaman” jedhe.

“Gochi isaan amantaa keenya irratti raawwatan hedduu nu gaddisiise, Sochiin kun kan manneen barnootaa barbadeessuuf yookaan cufsiisuuf itti yaaduun karoorfame” jedha hooggansa madrasaalee cufamanii jidduu tokko kan tahe Tin Shwe.

Sochiin farra Islaamummaa kun bara 2012 keessa kutaa biyyattii Rakhaayin jedhamtuutti kan jalqabe yoo tahu, daraaraa fi ajjeechaan muslimoota irra gayaa jiru hammaataa dhufee jira. Aangawoonni mootummaa Miyanmaaris, ajjeechaa fi dararaa muslimoota irratti raawwatamu kana osoo argan itti dhisuu filataniiru.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page