Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii yakki Muslimoota Roohingyaa irratti raawwatame akka qoratamu ajaj
- NuuralHudaa
- Mar 24, 2017
- 1 min read

Gareen mirga namummaaf falmu kan dhaabbaticha jalatti argamu yakki ajjeechaa, gudeeddaa fi dararaan waraana Miyaamariin muslimoota Roohingyaa irratti raawwatame qaamni qoratu hatantamaan gara Miyammar ergamuu qaba jechuun murteesse.
Waggaa darbe ji'a Onkololeessaa keessa waraanni Roohingyaa tokko daangaa irratti Poolisoota 9 eega ajjeesee booda dararaan waraanni mootummaa Miyammar muslimoota irratti raawwataniin namoonni 10,000 ol kutaa Rakhiinii irraa buqqa'uu odeeffannoon argame ni addeessa.
Gabaasa Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Ji'a darbe keessa baase, yakki ajjeechaa, dubartoota gudeeduu fi gocha suukaneessaa guddaa waraana mootummaatiin muslimoota Roohingyaa irratti raawwatamuu agarsiisa.
Manni Marii mirga namummaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii marii jimaata hardhaa magaalaa Jenevaatti geggeesse irratti, qaamni walaba ta’e gocha Suukaneessaa muslimoota Roohingyaa irratti raawwatame hatantamaan qoratu ergamuu akka qabu ibsa baase.
Qorannoon kun qaamni miidhaan irra gahe haqa argatuu fi qaamni gocha Suukaneessaa kana raawwates akka adabamuuf tahuu ibsameera.
Ambaasaaddara Mootummaa Miyaammar kan marii kana irratti hirmaate Htin Lynn qorannoo geggeeffamu kana mormuu fi kan fudhatama hin qabne jechuun mormii mormuu gabaasni Aljaziiraa irraa argame ni addeessa.
Comments