Lakkoofsi Muslimoota Rohiingaa qe'ee isaanii irraa buqqa’aanii dabalaa dhufuu ibsame.
- NuuralHudaa
- Sep 3, 2017
- 1 min read

Ajjeechaa fi dararaan Waraanni Miyanmaar muslimoota Rohingaa irratti raawwatu kan hammaataa dhufe yoo tahu . Kutaa Rakhiini jedhamu keessatti waraanni Miyamar gandoota heddu keessatti manneen jireenyaa guutumaan gututti ibiddaan barbadeessuu isaa ragaaleen Satalayitii kan mul’isan tahuu Aljaziiraan gabaase. Torbaan dabre keessa qofa manneen jireenyaa 2,600 ol ibiddaan kan barbadaayaan yoo tahu, sa’aa 24 qofa keessatti namoonni kuma kudhanii ol tahan gara daangaa Baangiladeeshitti baqachuu odeeyfannoon kun ni mul'isa.
Jamaal Huseen maati isaa waliin dararaa waraanni Mayinaamar irraan gaye yoo ibsu, “waraanni mootummaa mana jireenyaa kiyya narraa gubnaan, maatii kiyya fudhee gara gaaraatti baqadhe; nufaana dhufanii dhukaasa nurratti banuun ilmaan lamaafi haadha manaa tiyya narraa ajjeessan” jechuun hime.
Komishiinni mirga namoomaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii gama isaatiin akka jedhutti Waraanni Miyanmaar maqaa shororkeessuma to’achuutiin lammiillee Rohingaa irratti duula baneen, dararaan dhaqqabsiisaa jiru duguuggaa sanyiitti kan ol guddatu jedhe.
Yeroo ammaa kanatti muslimoonni Rohiingaa waraana Miyaanmaariin qeyee isaanii irraa buqqa’uun kan ajjeefamaa fi rakkina adda addaatiif saaxilamaniiru. Baqattoonni daangaa Baangilaadeesh gayanis, mootummaan Baangilaadesh daangaa isaa waan isaanitti cufeef, ammas lubbuu isaaniitiif sodaa guddaa keessa akka jiran gabaafameera.
Pirezadantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogan gama isaatiin Baangilaadeesh baqattota Rohingaatiif daangaa isii akka bantuuf waamicha godhe.
댓글