top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoonni Roohingaa 90,000 ol, Guyyoota 10 keessatti qe’ee isaanii irraa buqqa'uun ibsame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 4, 2017
  • 1 min read

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhutti: guyyaa 10 keessatti qofa Muslimoonni Rohingaa 90,000 ol dararaa fi ajjeechaa waraanni Miyanmaar isaan irraan gahaa jiru jalaa lubbuu isaanii bararuuf gara Banglaadiishiitti baqataniiru.

Dubbii himtuun dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Viviyan Tan Aljaziiraaf akka himtetti,

"Namoonni hanga ammaatti Baqatanii daangaa Bangilaadesh gahan kunniin, irra hedduun isaanii Da'imman, Dubartoota ulfaa fi manguddoota” jette.

Tan; akka Jettutti Baqattoonni 87,000 kun kan dararaa fi ajjeechaa dhiheenya kana raawwatamaa jiru baqatanii Bangilaadesh Seenaniidha.

Bara 1970 kaasee hanga ammaatti Muslimoonni Roohingaa kuma 34 caalan Miyanmaarii baqachuun, Baangilaadeshitti galmaa’aniiru.

Mootummaan Turkiiyaa , gama isaatiin Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Mootummaa Miyanmaar irratti tarkaanfii hin fudhatu taanaan, Turkiyaan ofii isitii Miyanmaar seentee duguuggaa sanyii muslimoota Rohingaa irratti raawwatamaa jiru dhaabsisuuf tarkaanfii fudhachuuf qophii ta’uu ibse.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page