top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Prezdaantiin Turkiyaa kora Gurmuu Biyyoota Islaamaa irratti, Biyyoonni Muslimaa Muslimoota Rohingiya

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 10, 2017
  • 1 min read

Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogan, kora Gamtaa Biyyoota Islaamaa kan magaalaa guddoo Kaazakistaan, Astanaa kessatti geggeeffama jiru irratti argamuun, " wan humni keenya danda’u mara godhuun, duguuggaa sanyii muslimoota Miyanmaar irratti raawwatamaa jiru dhaabsisuu qabna" jechuun dubbate.

Prezdaant Erdogan haasawa baniinsa kora kanaa irratti godheen " Mootummaan Turkiyaa gochaa hammeenyaa tii fi sarbamiinsa mirga muslimoota Miyanmaar irratti raawwatamaa jiru kana dhaabsisuuf, mootummaa Miyanmaar fi Baangilaadiish waliin hojjatuu kan barbaadu "jedhe.

Mootummaan Turkiyaa Muslimoota Roohingiyaa kan qe'ee isaanii irraa buqqa’uun Baangilaadish kessa jiraaniif, gargaarsa adda addaa kan gootu tahuu ibsuun; Mootummaan Baangiladishis muslimoota kanaaf wan isa irra eeggamu akka godhu waamicha dabarse.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page