Turkiyaan baqattoota lammiilee Suuriyaa 50,000 ol ta’aniif lammummaa kennuu eegalte.
- NuuralHudaa
- Sep 23, 2017
- 1 min read

Turkiyaan baqqattootaa Suuriyaa biyya isii keessa jiran keessaa namoota 50,000 lammummaa kennuuf sochii jalqabuu isii gabaasni Anadooluu Neewis irraa aragame ni mul’isa. Qondaaltonni hajaa biyya keessaa Turkiyaa akka jedhanitti, baqattoota Suuriyaa Kibba Turkiyaa keessa qubataniif lammummaa keenuun kan jalqabame yoo tahu, hanga ammaatti namootni 35,000 adeemsa seeraa hunda guutachuudhaan ragaa lammummaa isaanii fudhachuu qofa eeggataa jiru. Namoonni 15,000 hafanis hojiin kennaa lammummaa isaanii kan qoratamaa jiru tahuu gabaasni kun ni mul’isa.
Mootummaan Turkiyaa lammiilee Suuriyaa kallattiin hujii irratti bobba’uu danda’aniif dursa kennuu isaatis gabaasni kun ni mul’isa. Turkiyaan erga walwaraansi Suuriyaa eeggalee, biyyoota addunyaa hunda caalatti baqattoota hedduu kan keessummeessaa jirtu yoo tahu, murtiin lammumaa isaanii kennuu kunis Turkiyaan dhimma lammilee Suuriyaa gargaaruu irratti murannoo akka qabdu kan agarsiise.
Walwaraansa Suuriyaa bara 2011 keessa jalqabeen namoonni kumaa dhibbaan lakkaawaman lubbuu isaanii kan dhanban yoo tahu, namoonni miiliyoona hedduun lakkaawaman ammoo biyya isaanii irraa baqataniiru.
Comments