Sa’udiin Teeknolojii ittisa qilleensaa Ruusiyaa irraa bituuf waligaltee mallatteessite.
- NuuralHudaa
- Oct 6, 2017
- 1 min read

Jilli mootummaa Sa’udii Malik Salmaaniin durfame gara Ruusiyaa imaluudhaan, qondaaltota Ruusiyaa waliin erga mari’atee booda, dhimmoota adda addaa irratti waliigaltee kan mallatteesse tahuu gaazexaan biyyattii gabaase.
Guyyaa kaleessaa Mootichi Sa’udii Malik Salmaan Bin Abdulaziiz prezadantii Ruusiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin erga mari’atee booda, Teeknoolojii ittisa qilleensaa S-400 jedhamu dabalatee, mishaalee waraanaa hammayyaa heddu bituudhaaf waliigaltee kan mallatteesse ta’uun beekameera.
Waliigalteen biyyoota lamaanii kun ogummaa oomisha teeknolojii waraanaa tokko tokko Sa’udiif dabarsuu kan dabalatu akka tahe gabaasni kun ni mul’isa. Waliigaltee kanaan qawwee Kilaashinkoov jedhamu Sa’udii keessatti oomishamuuf waliigalaniiru.
Waliigaltee meeshaa waraanaatiin alattis gatii boba’aa gar malee gadi bu’e deebisanii bayyanachiisuudhaaf, biyyoonni lamaan baayi’anna oomisha baba’aa gabaa addunyaatiif dhiheessan hirdhisuuf waligaluun isaanii beekame.
Comments