top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lammiileen Yaman 2000 ol dhukkuba Koleeraatiin du’uu ibse.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 6, 2017
  • 1 min read

Ji'a Ebla irraa kaasee lammiileen Yaman 2,054 tahan dhukkuba koleeraatiin du'uu, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) ibse.

WHO’n ibsa isaa kana irratti Ebla 27/2017 irraa kaasee namoonni dhukkuba koleeraatiin qabamuu shakkamanii galmaa'an 618,209 tahuus beekameera.

Godina Al- Hudaydaa irraa namoonni 77,286 dhukkuba koleeraatiin qabamanii galmaa'aniiru, godinni Hajjah immoo namoonni 386 irraa du'uun kan jalqabaa tahe jira.

Akka gabaasa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ummanni Yaman miliyoona kudha shanii ol, sababa waraana biyyaatti keessatti geggeeffama jiruutiin, hanqina fayyaa hamaaf saaxilamuufi, lola finciltootaa fi mootummaa jiddutti bara 2015 irraa kaasee godhamaa jiru kanaan lammiilee 10,000 ajjeefamu ni mul’isa.

_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Commenti


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page