top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Yamanitti yoo diqqaate namoonni 1,500 dhukkuba koleeraatiin du’uun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jul 2, 2017
  • 1 min read

Laakkofsi namoota dhukkuba koleeraatiin qabamanii Yaman keessatti guyyatti nama 5,000 guddataa jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO).

Ji'a Muddee irraa hanga ammaatti lakkoofsi namoota dhukkuba koleeraatiin qabamanii 246,000 ol akka ta’ee fi namoonni 1,500 dhukkuba kanaan akka du'anis gabaasni WHO irraa bahe ni addeessa.

Bakka bu'aa dhaabbata fayyaa Addunyaa Yaman kan tahe Neviyoo Zagariyaa ibsa midiyaa kenne irratti, “kutaa biyyattii 22 keessaa 21 dhukkuba kanaaf akka saaxilamanii fi ji'a lama keessatti namoonni dhukkuba kanaan qabaman harka 10niin dabale" jedha. Bakka bu’aa UNICEF kan tahe Sheriin Varkiiy gama isaatiin; namoota dhukkuba kanaan du'an keessaa dhibbeentaan 25 daa'imman akka ta’an ibseera.

Lakkoofsi namoota du'anii torbee lama dura 1,300 tahuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kan ibse yoo tahu amma immoo 1,500 kan gahe fi guyyatti namoonni 5,000 dhukkuba kanaan qabamuun, lakkoofsi namoota dhukkuba kanaaf Saxilamanii dacha hedduun kan dabale tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

__ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page