Yamanitti namoonni 1,800 ol dhukkuba koleeraatiin du'uu gabaafame.
- NuuralHudaa
- Jul 18, 2017
- 1 min read

Dhaabanni Fayyaa Addunyaa(WHO); Biyya lolli guddaan keessatti geggeefamaa jiru, Yamanitti ji'a eblaa irraa kaasee namoonni 1,800 ol dhukkuba koleeraatiin lubbuu isaanii dhabaniiru jedha.
Dhaabbatichi ibsa isaa kan Salaasa har'aa baase kanaan, Kutaalee biyyattii 21 keessatti namoonni 356,591 dhukkuba kanaan qabamani galmaa'aniiru jedha. Kutaalee biyyattii kanneen keessaa immoo jiraattota magaalaa guddoo Sana'aa fi kaaba lixa Yamanitti kan argamtu Hajjah irraa namoonni hedduun dhukkuba kanan kan du’an tahuu gabaasni kun mul’iseera.
kibba yamanitti kan argamtu kutaan Soktra jedhamtu qofti hanga ammaatti dhukkuba kana irraa walaba tahuu Ajansiin dhaabbata mootummoota gamtoomanii ibseera.
Bara 2015 irraa eegalee Yaman keessatti, mootummaa fi Finciltoota Husii jiddutti lolli cimaan kan godhamaa jiru yoo tahu, namoonni 10,000 lola kanaan kan lubbuu isaanii dhabanii fi ummanni 11% qe'ee isaa irraa buqqa'uu isaanii gabaasni UN irraa argame ni mul'isa.
_ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Commentaires