top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Yamanitti laakkofsi namoota dhukkuba koleeraatiif saaxilamanii 500,000 gahuun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 14, 2017
  • 1 min read

Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa guyyaa hardhaa bahe, biyya waraanni cimaan keessatti geggeeffamutti jiru ,Yamanitti laakkofsi namoota dhukkuba koleeraatiif saaxilamanii 500,000 gahuu fi akkasumas ji'a Ebla irraa kaasee hanga ammaatti lubbuun nama 2000 sababa dhukkuba kanaatiin darbuu muli'sa.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO "dhibeen koleeraa kutaa biyyattii adda addaa keessatti saffisaan kan dabalaa jiru yoo tahu, guyyatti yoo diqqaate namoonni 5,000 dhukkuba bishaaniin dadarbuuf saaxilamu" jedhe.

Bara 2014 irraa jalqabee garee Finciltoota Husii fi waraana mootummaa jiddutti lolli cimaan godhamaa jiratuun beekamaadha. Sababa lola kanaatiin lammiileen heddu qe'ee isaanii irraa buqqa'uu gabaasni Fannoo Dimaa Addunyaa irraa argame ni addeessa.

____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page