Ameerikaan dipilomaatonni Raashiyaa saa'aa 72 keessatti Ameerikaa lakkisanii akka bahan akeekkac
- NuuralHudaa
- Dec 30, 2016
- 1 min read

Ameerikaan Dipilomaatota Raashiyaa 35 biyyatti keessaa aariite akkasumas moonaawwan mootummaa Raashiyaa kan magaalaa Niwuyoork fi Meriilaand keesaatti argaman lama cufte.
Akka Pirezedaantiin Ameerikaa Baraak Obaamaa ibsa guyyaa kaleessaa kenne irratti
"Filannoo November 8 geggeeffame irratti Raashiyaan harka keessa waan galafatteefi tarkanfiin kun fudhatame, yeroo adda addaatti Raashiyaan fedhii Ameerikaa keessa seenuu akka dhaabdu fi gocha Ameerikaa miidhu raawwatuu irraa akka of qusatuu qabdu sadarkaa mootummaa Ameerikaatti Akeekkachiisni kennamaafii turee jira" jedha.
Filannoo Ameerikaa bara kana November 8 geggeeffame Paartiin Ripaablikaan injifatuun beekamaadha, injifatamuu paartii Dimookraat kan amma aangoo harkaa qabu kanaaf harki mootummaa Raashiyaa keessa jiraatuu kan Shakkamu yoo tahu dhaabni Basaasaa biyyattii CIA fi pirezedantii tahuun kan filame Doonald Tiraamp olola dharaati" jedhu.
Pirezedaantii Obamaan akka jedhutti
"Raashiyaan filannoo Ameerikaa kan bara 2016 keessa harka kan galfaate tahuu ragaan ibsu guyyoota muraasa keessatti Kongiressiif ni dhihaata" jedha.
Pirezedaantii Raashiyaa Bilaadmiir Putiin immoo dhimma kana ilaalchisee mootummaan Raashiyaa Deebisaa kennuuf jecha nama tokkooyyuu biyyattii keessaa kan hin aarine tahuu ibsa guyyaa hardhaa kenne.
Putiin akka jedhutti
"Hanga Pirezedaantiin haarawa filatame Doonald Tiraamp Amajjii 20 aangoo qabatuu asitti qunnamtii Ameerikaa waliin qabnu ilaalchisee murtii tokkoyyuu hin dabarsinu" jechuun Tv Biyyaalessaa irratti dubbate.
Comments