Manni murtii godina Harargee Lixaa Namoota doolaara karaa seeraan alaatiin seene waliin qabaman irra
- NuuralHudaa
- Oct 20, 2017
- 1 min read

Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaaa namoota doolaara karaa seeraan alaatiin biyya seene osoo naannessan, keellaa Bordoddee irratti kanaan dura qabamanii turan irratti, guyyaa har'aa murtoo adabbii dabarsee jira. Haaluma kanaan Obbo Habaanee Arab Nuur fi Obbo Ahimad Muhammad tokko tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 8 fi qarshii kuma dhibba tokko akka adabaman murteessee jira.
Maallaqni qabame doolarri Ameerikaa 541,771 Baankii Hojji Gamtaa Oromiyaatti lakkoofsa Herreegaa lammiilee Oromoo Naannoo Somaalee irraa qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggaruuf baname irratti galii akkka ta’u murtaa’ee jira.

Kommentare