top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Lammiileen Oromoo naannoo Somaalee irraa buqqa’uun Kaampiilee adda addaa keessa qubatan rakkataa jir

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 17, 2017
  • 1 min read

Lammiileen Oromoo nannoo Somaalee irraa buqqifamuun iddoo gara garaatti qubsiifaman rakkataa jirachuu isaanii gabaasni BBC Afaan Oromoo irraa argame ni mul’isa. Keessaattu baqattoonnim kaampii Hammarreessaa keessa qubatan akka jedhanitti, dhiheessiin bishaanii fi mana qulqullina gayaa miti. Galmi keessa bulanis daa’immanii fi mijaawaa kan hinta’inii fi Frashiin irra rafanis warri hin argatin akka jiran gabsni kun ni mul’isa. Gama biraatiin ammoo, loltoonni makkalaakayaa gara iddoo qubannaa isaanii dhufuun kan isaan doorsisan akka ta’ee fi asittis tasgabbii dhabuu isaanii himan.

Akka ragaan komishinii hooggansa balaa Oromiyaa agarsiisutti, lakkoofsi baqattoota Oromoo naannoo Somaalee keessaa buqqaafamanii 119,000 ol kan gaye yoo tahu, Sababa walitti bu'iinsa kanaatiin Oromiyaa keessatti namoonni qe'ee isaanii irraa buqqa'an immoo 450,000 ol gayaniiru.

Walumaagalatti sababa waraana poolisii addaa naannoo Somaaleetiin namootni 578,000 ol qe'ee isaanii irraa akka buqqifaman ragaan komishinichaa ni mul’isa.

Yeroo ammaa kanatti lakkoofsi buqattotaa kan diqqaachaa dhufe yoo tahu , ammas buqqifamuun itti fufuusaa Waajjirri hooggansa qophii ittisa balaa godina Harargee Bahaa himuu gabaasni kun ni mul’isa.

Sagantaalee Raadiyoo NuuralHudaa dhageeyfadhu.


Tamsaasa TV NuuralHudaa 33ffaa Daawwadhu.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page