Magaalaa Awwadayitti Poolisoonni Oromiyaa fi Federaalaa waldhabuun beekkame.
- NuuralHudaa
- Oct 14, 2017
- 1 min read

Ajjeechaa Liyyuu Poolisiin naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa seenun ummata irratti raawwataa turan hordofuun, ummanni kudraa fi Jimaan Awwadaay gara magaalaa Jigjigaatti akka hin fe'amne dhorkuun ni yaadatama.
Guyyaa hardhaa poolisoonni Federaalaa daldaltoota jimaatiin Isiiniif dabarsina jechuun qarshii 10,000 fudhatuun yeroo keellaa magaalaa Awwaday gahan, poolisoonni Oromiyaa immoo Jimaan gara Jijjigaa hin geeffamu jechuun dhorkan. yeroo kanatti waldhabbi kaheen qawwee waliitti kan deeffatan yoo tahu, ummanni jidduu seenuun kan adda baase tahuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.
Poolisoonni Federaalaa ummata irraa nama tokko uleen dhahanii buruysuu fi poolisoonni Oromiyaa ummata nagayaa tumuu kan hin dhiisne yoo tahe, magaalaa akka lakkistanii baatan jechuun kan akeekachiisani tahuu jiraatan naannawa sanii nuuf hime. _ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com
Comments