top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Barattootaa fi Barsiisonni Oromoo gara yunivarsiitii Jigjigaa deemuun dararaa hamaaf kan isaan saax

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 6, 2017
  • 2 min read

Weerara Liyyuu Poolisiin daangaa naannoo Soomaleetii fi Oromiyaa irratti geggeessite hordofuun, akkuma lammilee Oromoo biroo barsiisotaa fi barattoonni Oromoo gara yunivarsiitii jigjigaa deebi’uun lubbuu isaaniitiif hamaa akka ta’e ibsan.

Barsiistonni lammii Oromoo ta’an iyyannoo Ministeera barnootaatiif galchaniin akka jedhanitti, jalqaba ji’a fulbaanaa keessa dargaggoonni lammiilee Soomaalee tahan dalla’a yunivarsitti keessa seenuudhaan gara manneen jireenyaa barsiisotaa erga dhufanii booda barsiisota Oromoo as keessaa baasaa jechaa akka turan beeksisan. Haaluma walfakkaatuun barattootaa gannaa kanneen Oromoo tahanii fi barsiisota Oromoo poolisiin naannicha walitti qabuun guyyoota hedduuf mana hidhaa keessa erga tursiisanii booda bulchiinsi Yunivarsiitii kan gad lakisiise tahuu himan.

Kanaafuu rakkoon keenyaa kan hawaasa Oromoo naannicha irraa ari’amaniin ala waan hinta’iniif garasitti deebi’uun nageenya isaaniitiif hamaa ta’uu ibsuudhaan Ministeera barnootaatti kan iyyatan tahuu himaniiru. Hanga ammaatti garuu deebii gayaa tahe kan hin argatin tahuu ibsuudhaan mootummaan hatattamaan deebii akka isaaniif kennu gaafataniiru.

Haaluma walfakkaatuun barattoonni Oromoo Yunivarsitti Jigjigaa, kanaan duras poolisoonni magaalattii barattoota oromoo dararaa addaa isaan irraan gayaa kan turan tahuu ibsuun xalayaa iyyannoo Mootummaa naannoo Oromiyaatiif Ministeera barnootaatiif galfataniiru. Poolisoonni magaalaa jigjigaa barattota Oromoo ta’an iratti xiyyeefachuun dararaa hanga hidhaafi reebbichaa isaan irraan gayaa akka turan ibsan.

Barattu Siviil Injineringii waggaa 4ffaa takka bilbilaan kan dubbisne yoo tahu, barattuun tun guyyaa 3 booda gara Yuunivarsiitichaatti deebi'uu akka qabdu fi garuu haala yeroo ammaa jiruun walqabatee, kanaan duraas barattoonni Oromoo Yuuniversiticha keessa turan qaama hin beekkamneen ukamfamaa akka turaniif, isiinis amma sodaa guddaa wan qabduuf kan deebi'uu hin barbadne tahuu dubbati.

Akka Barattun tun nuuf himtetti " Yeroo gochi seeraan alaa ana irratti raawwatametti ogguu gara qaama Seera kabajsiisutti baqadhu, Poolisoonni osoo narraa dhorkuun isaan irra eegamuu, maallaqa ani harkaa qabu hunda anarraa fudhatan, akkasumas ani kan itti dhaladhe naannoo Harariitti yoo tahu waraqaan Eenyuummaa kiyya kan naannoo Harariitti, waraqaa kiyya ilaalaanii na dabarsu garuu barattoota waraqaa Eenyuumaa naannoo Oromiyaa qaban immoo ni qabamu jetti".

Walumaa galatti barsiisonnii fi barattoonni Oromoo kana booda garas deemuun hamaa waan ta’eef mootummaan yunivarsitiilee naannoo Oromiyaa keessa jiranitti akka isaan ramadu gaafatan.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page