top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Weerarri liyyuu poolisii naannoo Somaalee gandoota Harargee Bahaa keessatti hammaataa dhufuun beekka

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Aug 19, 2017
  • 1 min read

Weerarri liyyuu poolisii naannoo Somaalee gandoota Harargee Bahaa keessatti hammaataa dhufuun beekkameera.

Weerarri Liyyuu poolisiin naannoo somaalee ummata bahaa Oromiyaa irratti adeemsiftu hammaataa dhufuun gabaafame. Godina Harargee bahaa Aanaa Cinaaksan ganda Ulaanulaa jedhamu guyyaa kaleessaa weeraruun isaanii beekkameera.

Akka odeeyfannoon naannicha irraa arganne mul’isutti waraanni liyyuu jedhamu kun hawaasa naannichaa daraaraa hamaa irra geessaa akka jiru beekkameera. Dubartoota gudeeduu dabalatee jiraattotaa fi bulchitoota gandaa itti aantummaa ummataa qaban, harkaafi miila hidhuudhaan kan tuman ta’u maddeen gabaasaaniiru.

Poolisoonni naannoo Somaalee kunniin Jaarsolii biyyaa walitti qabuudhaan; isin Somaaleedha, kana booda naannoo keenna jalatti bultan; kanaafuu ummataa akka amansiiftan jechuun kan doorsisaa jiran yoo tahu; maanguddoota fudhatuu didan ammoo gara mana hidhaatti kan guuran tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

Gama biraatiin ammoo manguddoonni 8 Aanaa Cinaaksan irraa ummata bakka bu’uudhaan, dararaa hawaasa Pirazadantii naannoo Oromiyaatti iyyachuuf guyyaa lama dura Finfinnee kan seenan yoo tahu; Obbo Lammaa Magarsaa sababa gara gara uumuudhaan hanga ammaatti kan isaan hin dubbisin tahuun beekkameera.

Poolisoonnii naannoo somaalee godinoota Oromiyaa daangaa isaaniitti argaman yeroo hedduu seenuun humnaan qabachuuf kan yaalaa turan yoo tahu, ammas godina Harargee qofatti gondoota 20 qabachuuf kan socho’aa jiran ta’uun beekkameera.

Waraanni mootummaa Itiyoophiyaatis weerara liyyuu poolisii kana harka lafa jalaatii fi ifaanis kan deeggaraa jiru ta’uu jiraattonni naannichaa himaan.

Mootummaa naannoo Oromiyaa irraa qaamni dhimma kana hordofaa jiru tokkollee waan hin jirreef, ummanni Oromoo karaa danda’ame hundaan akka isaan biraa dhaabbatu iyyataniiru.

____ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page