Weerarri Makalakayaa fi Liyyuu Poolisii Naannoo Sumaalee cimee itti fufeera.
- NuuralHudaa
- Feb 16, 2017
- 1 min read

Godinaalee Naannoo Oromiyaa kan daangaa naannoo Sumaaleetti walqunnamsiisanitti ajjeechaan fi saamichi lafa Oromoo irratti geggeeffamu guyyaa irra guyyatti dabalaa jira. Kanaan dura daangaalee Oromiyaa fi naannoo Sumaalee walqunnamsiisanitti mootummaan siyaasaa isaa oofatuuf jecha ummata lamaan jiddutti lola kaasuun ummanni akka wal fixu godhaa turuun beekamaadha. Yeroo ammaatti immoo Fincila ummanni Oromoo tokkummaan itti kaaseef qabsoo ummata Oromoo kana dadhabsiisuuf jecha ummata naannoo biraatiif deeggarsa meeshaa waraanaa fi loltootaa godhuun ajjeechaa Ummata Oromoo irratti cimsee kan itti fufe ta'uu odeeffannoon ni addeessa.
Akkuma dhiheenya kana godhaa turan guyyaa hardhaatis weerarri Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee kan Raayyaa Ittisa biyyaatiin deeggaramu godina Gujii fi Harargee Bahaa aanaa Gursumiitti daangaa Oromiyaa seenuun ajjeechaa fi saamicha lafaa kan raawwate tahuu maddeen gabaasaniiru.
Guyyaa hardha lola aanaa Gursumitti Liyyuu Poolisii fi makalakayaan ummata Oromoo irratti banteen namoonni hedduun kan ajjeefamanii fi iddoon Qorii jedhamu kan fudhatame ta'uu beekameera. Iddoo namni itti ajjeefame kana waan fudhataniif eenyuummaa fi lakkoofsa namoota ajjeefamanii kan hin beekamin tahuu gabaafameera.
Haaluma walfakkaatuun godina Gujii Aanaa Liiban naannawa Gaara Matagooy jedhamutti weerara Liyyuu Poolisiin naannoo Sumaalee banteen lolli guddaan kan geggeeffamaa oole fi magaalaa Nageellee Booranaa keessatti immoo makalakayaan ummata hidhaa jiraatuu maddeen gabaasaniiru.
Weerarri amma geggeeffamaa jiru kun kan waraana Raayyaa Ittisa biyyaatiin deeggarame tahuus ibsameera
Comentarios