Weerarri Liyyuu Poolisii Naannoo Sumaalee guyyaa hardhaatis itti fufeera.
- NuuralHudaa
- Feb 23, 2017
- 1 min read

Weerarri Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee fi waraanni makkalaakayaa daangaa naannoo Oromiyaa seenuun geggeessaa jiru guyyaa hardhaatis cimee kan itti fufe tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Harargee lixa aanaa Gumbii Bordoddee araddaa Dirree Qaalluuti liyyuu Poolisii fi Agaaziin guyyaa lammataaf ummata Oromoo irratti lola bantee jirti. Dhalattoonni Oromoo ganama hardhaa miidhaman hedduunis gara Hospitaala magaalaa Cirootti geeeffamuu beekameera.
Harargee Bahaa aanaa Midhaagaa Tolaa magaalaa Ibroo Muusaa keessattis waraanni Makkalaakayaa milishaa irraa meeshaa hiikuun ummatas kan doorsisaa kan jiran tahuu maddeen gabaasaniiru.
Buufanni fayyaa aanaa Baabbilee guyyaa lama dura liyyuu Poolisii naannoo Sumaaleetiin kan too'atame yoo tahu, amma ogeeyyiin fayyaa naannoo Oromiyaa kan achi turan ari'amanii kan naannoo Sumaalee fidamanii jiru. Walumaagalatti hojjattoonni buufata fayyaa araddaa 7ol fi ogeeyyonni faayyaatis waraana mootummaa naannoo Sumaaleetiin kan too'ataman tahuu beekameera.
Odeeffannoo walfakkaatuun lola guyyaa kaleessaa Gurraandhala 22/2017 godina Baalee aanaa Sawweenaatti Liyyuu Poolisii fi makkalaakayaan ummata irratti banteen dhalattoonni Oromoo 11 kan du'an yoo tahu isaan irraa immoo waraanni 23 ajjeefamuu fi namoonni lama miseensota raayyaa Ittisa biyyaa tahuu beekameera.
Comments