top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Guyyaa har’aa Godina Booranaa aanaa Mooyyaalee jalaatti kan argamtu ganda Caamuqitti, weraara Liyyuu

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Sep 8, 2017
  • 1 min read

Guyyaa har’aa Godina Booranaa aanaa Mooyyaalee jalaatti kan argamtu ganda Caamuqitti, weraara Liyyuu poolisiin naannoo Somaalee godhuuf yaalte ummataa fi milishoonni naannoo Oromiyaa ofirraa deebisaaniiru.

Lola kana irratti gama naannoo Oromiyaa fi gama Liyuu Pooliisii naannoo Somaalee irraahis namni du’eera. Akka Jiraataan naannawa irraa bilbilaan dubbisne tokko nuuf himetti; "Sababni lola har’aa kun waraanni naannoo 5 daangaa Oromiyaa seenuun ganda Caamuqitti waajjira mootummaa ijaaraate, ummanis akkamiitti alabaan naannoo Somalee dangaa Oromiyaa keessatti dhaabbata jechuun morme; Sababaa kanaaf waraanni Liyuu Poolisii naannoo Somaalee lola ummata irratti bane" jedhe.

Jiraattuun biroo immoo; gama lameenirraayyuu namni heddu du’uu nuuf himte. Haalumaa walfakkaatuun waraanni Liyyuu Poolisii Naannoo Somaalee ganama har’aa, Godina Baalee Aanaa Raayituu seenuun lola kan bane yoo tahu, ummataa fi milishoonni naannoo Oromiyaa ofirraa qolachuu gabaasni mootummaa irraa baye ni mul’isa.


 
 
 

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page