top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni murtii ol’aanaa Federaalaa gaaffii mirga wabii Obbo Baqqalaa Garbaa irratti murtii kennuuf bee

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 19, 2017
  • 1 min read

Gumiin abbootii murtii dhimmaa Obbo Baqqalaa Garbaa ilaalaa ture dhaddacha August 10/2017 ooleen, mirga wabii dhoorkachuudhaan mana hidhaa keessa akka turu murteesse. Haata’u malee guyyaa hardhaa, Manni murtii Ol’aanaa Federaalaa Ol’iyyaanoo mirga wabii Obbo Baqqalaa Garbaa dhiheeffate irraa fuudhuun, mormii Abaa Alangaatii fi Abokaatota Obbo Baqqalaa dhageeffateera.

Gareen Abokaatota Obbo Baqqalaa Garbaa himatni duraan Shororkeessummaa jedhu irraa gara badii yakkaatti waan gadi bu’eef, mirga wabii dhoorkamuu hinqabu kan jedhan yoo ta’u, gareen Abbootii alangaa ammoo Obbo Baqqalaan mana hidhaatii yoo gad lakkifame biyyaa bahuu mala, akkanumas himata duraanii Shororkeessummaa jedhuun mirgi wabii isaa dhoorgameera jechuun morman.

Manni murtii ol’aanaan Federaalaatis dhimmicha irratti murtii kennuuf October 30/2017 beellame.

Gama biraatiin ammoo manni murtii federaalaa dhimma Ol’iyyannoo Obbo Yonaataan Tasfaayee Raggaasaa ilaalu, Sababa abbaan murtii hin jiru jedhuun Nov.04/2017tti beellame. Obbo Yonaataan Tasfaayee Raggaasaa himannaa Fuula Feesbuukii irratti mootummaa balaaleffate jedhuun, waggaa 6 fi ji’a 3 itti murtaayuun mana hidhaa kan jiru tahuun ni yaadatama.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page