Obbo Baqqalaa Garbaa fi Namoota isa waliin himataman irratti Abbaan Alangaa ragaa Viidiyoo dhiheeffa
- NuuralHudaa
- Feb 18, 2017
- 1 min read

Guyyaa kaleessaatti manni murtii himannaa Abbaan Alangaa hooggantoota siyaasaa fi namoota galmee Obbo Gurmeessaa jalatti himateef ragaa akka dhiheeffatu jechuun beellamee ture.
Abbaan Alangaatis beellama isaa irratti hundaa’uun ragaa viidiyoo ni qaba jedhee guyyaa kaleessaa mana murtiif kan dhiheesse tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Manni Murtii qabiyyeen Viidiyoowwanii maal akka tahan Abbaan Alangaa akka ibsu kan gaafate yoo tahu, Abbaan Alangaa VCD 4 akka qabuuf viidiyoo kanniin jidduu immoo isaan 2 kan Obboo Baqqalaa Garbaa irratti dhihaatan, tokko immoo himatamaa 5ffaa Abdataa Nageessoo fi akkasumas viidiyoon tokko immoo himatamaa 11ffaa Bayaana Rudoo irratti kan dhihaatan tahuu ibseera.
CD'n lamaan Obboo Baqqalaa Garbaa irratti dhihaatan viidiyoo 3 kan qabu yoo tahu Viidiyoowwan kanniin jidduu haasawa Obboo Baqqalaan miidiyaalee akka OMN, ESAT fi Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) irratti taasise tahuu odeeffannoon argame ni addeessa. Viidiiyoo kanniin irratti haasawa Obboo Baqqalaa mormii Yuunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaa keessatti kahaniin walqabatee gaafii fi deebisaa ESAT fi OMN irratti taasisanii turan tahuu beekameera.
Dhaddacha guyyaa kaleessaatti manni murtii viidiyoowwan Abbaan Alangaa akka ragaatti Obboo Baqqalaa Garbaa irratti dhiheesse eega ilaalee booda Abbootiin seeraa Viidiyoowwan hafan waaree booda ilaaluuf beellamanis Abbaan Alangaa waaree booda argamu hin danda’u waan jedheef abbootiin seeraa viidiyoo hafan ilaaluuf Wixata dhufu Gurraandhala 13/2009 bellamamera.
Dhaddacha kana irratti Abuukaatoo Obboo Baqqalaa kan tahe Obboo Abduljabbaar maatiin Obboo Baqqalaa kan biyya alaa irraa Obboo Baqqalaa duubisuuf dhufe akka hin dubbisne dhoorkamuu Abbootii seeraatiif kan ibse yoo tahu, bulchiinsi mana hidhaa; namni lammummaa Itiyoophiyaa hin qabne Obboo Baqqalaa dubbisuu kan hin hayyamamneef tahuu mana murtiif ibsee jira
Comments