Magaalaa Gindhiir Masjidul Hudatti sagantaan du'a'ii guddaan geggeeffame.
- NuuralHudaa
- Oct 12, 2017
- 1 min read

Du'aa'ii guyyaa hardhaa tasifame kun walitti bu'iinsa daangaa naannolee Oromiyaatii fi Sumaalee irratti uumame kan ilaallatu yoo tahu, dhiiga namaa dhangala'aa jiruu fi namoota qa'ee isaanii irraa buqqaafamaa jiran, Rabbin akka nurraa dhaabu kadhachuufi. Namoota walitti bu'iinsa kana keessaa harka qaban Rabbiin yaada isaanii jalaa akka fashaleessu kan irratti kadhatame fi ammas gaaffin keenna kan waa'ee mirgaa akka nuuf deebi'u hanga dhumaa ni gaafanna jedhaniiru.
Ulamaa'onni keenna kan magaalaa Ginniir rakkoo daangaa kan dur ummatni Baalee daangaa irratti argamu qofti itti miidhamaa ture, amma garuu Oromoon hundinuu waliin dhaabbatee afaan tokko ta'ee waan jiruuf akka Rabbiin nasrii nuu fidu kadhataniiru.
Dhumarrattis ulamaa'onni dargaggoonni keenna ulumaa'otaa fi jaarsota biyyaa dura deemuu osoo hin taane, kan afaan tokkoon deeman ta'uu akka qaban dhaamaniiru. Sagantaan du'aa'ii kun qur'aanaan jalqabame. sagantaa kana ulamaa’onni iddoo adda addaa irraa dhufan qooda kan irraa fudhatan tahuu maddeen naannawa irraa nuuf gabaasaniiru.

תגובות