top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Baqattoota Roohingiyaa

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Oct 13, 2017
  • 1 min read

eega Finciltoonni Roohingiyaa hagayya 25, 2017 buufata Poolisiitii fi Kaampii Waraana Miyanmaar rukutanii booda, tarkaanfii haaloo bayuu waraanni Miyaanmaar Ummata nagayaa irratti fudhateen, baqattoonni Roohingiyaa 440,000 ta’an gara Baangiladish baqataniiru.

 

Kaampiin Kooks Baazaar jedhamu kan baangilaadishitti argamu, Baqattootaa 300,000 ol of keeysaa qaba. Haleellaa hagayya 25 eegalame booda baqattoota heddutu itti dabalame.

 

Nyaanni, Bishaanii fi Qorichi gayaa tahe hin jiru; daandiin hundi balfa sagaraatiin faalamee jira.

 

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komishiinarri Ol’anaan ejensii baqattootaa Flippoo Grandi, kaampiin baqattootaa Kooks Baazaar Kibba Baangiladishitti argamu humnaa ol kan guute tahu erga argee booda, rakkoon hamaan akka jiru ibse.

 

Yeroo ammaa Baqattoonni Roohingiyaa 700,000 oltu Baangilaadish keeysatti argama. Mootummaan Baangilaadish Baqattoota Muraasa qofaaf beekamtii kenne. Irra hedduun baqattootaa waraqaa eenyummaa baqattummaa isaanii mul’isu hin qaban.

 

Naannoo dhiphaa jireenya namaatiif hin mijoofne keessaa, namoonni kuma kurna heddutti lakkaawaman kanneen wal hin beekne wal cinaa jiraatu.

 

Ummanni Rohingiyaa yeroo heddu “ummata addunyaa irratti gar malee dararame” jechuun yaamamu.

 

Dararaan baqattoota umriin ijoollee ammoo dachaadha. Ijoolleen heddu matiin adda badaniiru. Hedduun isaanii harka saamtotaa bu’aniiru. Gariin isaanii akka gabraatti gurguramanii jiru.

 

Dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii akka jedhetti, rakkoon Baangiladish qunnamaa jiru guddaadha, biyyattiin baqattoota Roohingiyaa 436,000 kanneen ji’a dabre keessa Baangiladish seenan nyaachisuu fi qubsiisu akka dandeettu gargaarsi hawaasa addunyaa daran barbaachisa.

 

Baangiladish baqattoota harayaaf waraqaa eenyumaa kennuu fi Ashaaraa fuudhuu eegaltee jirti. Dalagaan kun ji’oota heddu booda xumurama jedhamee tilmaamama.

 

Baqattoonni Roohingiyaa “waraanni mootummaa Miyaanmaar Sababa finciltoota qulqulleessuu jedhuun, Mislimoota irratti duguuggaa sanyii adeemsisaa jira. Kun immoo seenaa waraana biyyatti keessatti waan barame” jedhan.

Photo Copyright: Showkat Shafi/Al Jazeera

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page